﻿Faarfannaa.
136.
Waaqayyoof galata galchaa; inni gaariidhaatii. Jaalalli isaa bara baraan jiraata. 
Waaqa waaqotaatiif galata galchaa. Jaalalli isaa bara baraan jiraata. 
Gooftaa Gooftotaatiif galata galchaa: Jaalalli isaa bara baraan jiraata. 
inni kophaa isaa dinqii gurguddaa hojjeta; Jaalalli isaa bara baraan jiraata. 
inni ogummaa isaatiin samiiwwan uume; Jaalalli isaa bara baraan jiraata. 
inni bishaanota irratti lafa diriirse; Jaalalli isaa bara baraan jiraata. 
inni ifa gurguddaa hojjete; Jaalalli isaa bara baraan jiraata. 
inni akka biiftuun guyyaa mootu godhe; Jaalalli isaa bara baraan jiraata. 
inni akka jiʼii fi urjiiwwan halkan moʼan godhe; Jaalalli isaa bara baraan jiraata. 
inni hangafa Gibxi dhaʼe; Jaalalli isaa bara baraan jiraata. 
inni isaan gidduudhaa Israaʼelin baase; Jaalalli isaa bara baraan jiraata. 
harka jabaa fi irree diriiraadhaan Israaʼelin baase; Jaalalli isaa bara baraan jiraata. 
inni Galaana Diimaa iddoo lamatti gargarii qoode; Jaalalli isaa bara baraan jiraata. 
inni galaana gidduudhaan Israaʼelin dabarse; Jaalalli isaa bara baraan jiraata. 
Faraʼoonii fi loltoota isaa garuu Galaana Diimaatti naqe; Jaalalli isaa bara baraan jiraata. 
inni saba ofii isaa gammoojjii keessa geggeesse; Jaalalli isaa bara baraan jiraata. 
inni mootota gurguddaa dhaʼe; Jaalalli isaa bara baraan jiraata. 
inni mootota jajjaboo fixe; Jaalalli isaa bara baraan jiraata. 
inni Sihoon mootii Amoorotaa ajjeese; Jaalalli isaa bara baraan jiraata. 
inni Oogi mootii Baashaan ajjeese; Jaalalli isaa bara baraan jiraata. 
inni biyya isaanii dhaala godhee kenne; Jaalalli isaa bara baraan jiraata. 
dhaala godhee garbicha isaa Israaʼeliif kenne; Jaalalli isaa bara baraan jiraata. 
Inni yeroo nu gad deebinetti nu yaadate; Jaalalli isaa bara baraan jiraata. 
inni harka diinota keenyaatii nu baase, Jaalalli isaa bara baraan jiraata. 
inni uumama hundaaf soora kenna; Jaalalli isaa bara baraan jiraata. 
Waaqa samiitiif galata galchaa. Jaalalli isaa bara baraan jiraata. 
